Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti jiraattota harka qalleeyyiif meeshaaleen qulqullinaa kenname

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti jiraattota harka qalleeyyii ta’aniif meeshaaleen qulqullinaa kennameera.

Magaalichatti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru.

Haaluma kanaan koreen abbootii qabeenyatiin hundaa’e, dhaabbilee garaagaraa fi tola ooltota hammate meeshaalee kanneen walitti qabuu danda’eera

Deeggarsi meeshichaa jiraattota harka qalleeyyii aanaalee 116 keessa jiraataniif kan laatamudha.

Dabalataanis maanguddoota 24 ol ta’anii fi dhukkubsattoota sammuu akkasumas giddugala guddiftuu daa’immaniitif deeggarsi meeshaalee qulqullinaa akka taasifameef ragaan waajjira kantiibaarra arganne ni muul’dhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.