Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti meeshaaleen seeraan alaa fi sanadoonni garaagaraa to’atamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti tarkaanfii namoota garee shororkeessaa ABUT waliin hariiroo qaban to’annaa jala oolchuuf fudhatameen meeshaaleen seeraan alaa fi sanadoonni garaagaraa to’atamuu ibsameera.

Sakattoo Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee aanaa 3 Man-kuusaa nama dhuunfaa gamoo Eednaamol jalatti argamurratti taasiseen raadiyoowwan quunnamsiistuu 21, gaachana masaraa mootummaa qofa keessatti argamu 1 fi kilaashinkoovii rasaasa 30 waliin to’achuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun kutaa magaalichaa bakka Atilaas jedhamee beekamutti sakattoo mana nama dhuunfaatti taasifameen shuguxiin 1 rasaasa waliin to’atamuu himameera.

Kuta magaalaa Addis Katamaa aanaa1 sakattoo mana nama dhuunfaatti taasifameen Paaspoortiiwwan Ityoophiyaa seeraan ala qopha’e 18 dabalatee sanadoonni sobaa garaagaraa to’atamuu ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.