Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti namoota qorannoon Covid -19 taasiifameef keessaa % 45 dhibichaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti torbeewwan sadan darban keessa namoota qorannoon Covid -19 taasiifameef keessaa % 45 dhibichaan qabamuu ibsame.
Biiroon Eeggumsa Fayyaa fi Abbaan Alangaa Waliigalaa magaalaa Dirree Dawaa qaljeelfama weerara dhibee Covid -19 ittisuu fi to’achuuf ba’e ilaalchisee ibsa laataniiru.
Qaamolee qajeelfamichi cabsanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsameera.
Magaalichatti weerarri vaayrasii koroonaa daraan dabalaa jiraachuu hoggantuun Biiroon Eeggumsa Fayyaa magaalichaa aadde Lamlam Bazzaabihi ibsaniiru.
Torbee sadan darban keessa lubbuun namoota 15 dhibichaan darbuu eeraniiru.
Namoonni osoo gara giddugala yaalaa hin dhufin mana isaaniitti du’an ammoo hedduu ta’uu danda’an jedhan.
Tibbana namoonni hedduun qorannoo oso hin taasiisin mana isaanii keessatti du’aa jiraachuu ragaan tokko tokko ni muu’isa jedhaniiru.
Jiraattoonni magaalichaa hundi qajeelfamoota weeraricha ittisuu fi to’achuuf ba’e sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.