Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti oomishaalee qonnaa karaa shammattoota waldaalee hojii gamtaan hawaasaaf dhiyeessuun eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Magaalaa Finfinneetti sochiin oomishaalee qonnaa karaa Shammattoota waldaalee hojii gamtaan hawaasaaf dhiyeessuun eegalamuu ibsameera.

Sochii kanaan oomishaleen qonnaa kanneen akka Qullubbii Diimaa fi kanneen biroo karaa shammattoota waldaalee hojii gamtaan hawaasaaf dhiyeessuun eegalamu isaa ibsameera.

Haaluma kanaan Qullubbii diimaa kuntaalli dhibbi 2 fi 92 ol Oromiyaarraa Finfinnee galuu Itti aanaan Daayreektara Ejensiin waldaalee hojii gamtaa magaalichaa obbo Siisaay Araggaa  ibsaniiru.

Shammattoota Waldaalee hojii gamtaa Kutaalee bulchiinsa magaalichaa 11n oomishni Qullubbii fi kanneen biroon gatii madaalawaan hawaasaaf kan dhiyaatan ta’uus ibsaniiru.

Guyyoota itti aananitti Qullubbii Diimaa kuntaala dhibba 5 fi 60 ol qonnaan bultootarraa kan dhiyaatan ta’uu ibsuu isaanii ragaanWaajjira  Seekretariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.