Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti sa’aati 10 hanga 2tti konkolaattota fe’umsaa jajjaboo galchuu fi sochosuun akka adabsiisu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti guyyaa keessaa sa’aati 10 hanga galgala sa’aati 2tti konkolaattota fe’umsaa jajjaboo galchuu fi sochosuun adabbii akka qabu Eejansiin Maanaajimantii Tiraafikii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Konkolaachisaan qajeelfamicha darbee argamee Birrii 500 hanga kuma 6 akka adabamu eejansichi ibseera.

Eejansiin Maanaajimantii Tiraafikii Magaalaa Finfinnee, kana dura konkolaattota jajjaboorra daangaa sa’aati kaa’eet ture.

Weerarri vaayrasii koroonaa muul’dhachurratti hundaa’un daangaa sa’atirratti fooyya’insa taasisun isaa ni yaadatama.

Dhiphina daandii fi balaa tirafikaa yeroo ammaa muul’dhata jiru hir’isuuf qajeelfama sochii konkolaattota jajjaboorratti foyya’insa uumuu dandeessisu hojirra oolchu eejansichi ifoomseera.

Bu’uruma kanaan haala addaan eeyyama sochii kanneen kennameefin alatti guyyaa keessaa sa’aati 10 hanga galgala sa’aati 2tti konkolaattota jajjaboo gara magaalaa galchuu fi sochoosuun kan dhorkame ta’u ibsameera.

Dabalataniis konkolaachiftonni daandii gurguddoorratti fe’uu fi buusuu raawwatan yeroo jalqabaaf Birrii kuma1, yeroo lammaffaaf Birrii kuma 2 akkasumaas yeroo lamaa ol kan raawwate Birrii kuma 3 akka adamabamu himameera.

Eeyyamni konkolaachisuummas baatii tokkoof akka dhorkamu qajeelfamichaan ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.