Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti sababa Ayyaanaan daballiin gatii akka hin muuddanne hojjetamaa jira

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sababa Ayyaana bara haaraan daballiin gatii akka hin muuddanne hojjetamaa jiraachuu Biirron Daldalaa magaalichaa beeksise.
 
Ayyaana bara haaraaf oomishni qonnaa fi Indaastirii ga’aa ta’e shamattootaaf gadii madaallawwan gama waldaalee hojiin gamtaan akka dhiyeetu godhamuu hogganaan Biirro Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Abduulfaattaa Yesuuf ibsaniiru.
 
Horiin dhaabbii fi bu’aleen loonii hawaasaaf akka rabsamu taasifamuu himaniiru.
 
Meeshaalee bu’ura kanneen akka Zaytaa qaraxarraa bilisaan galchuun gadii gadi aanaan hawaasaf dhiyaachaa jiru jedhaniiru.
 
Qaamooleen oomishaaleerratti daballii gatii taasisan yoo jiraatn hawaasni bilbila bilisaa 8588 irratti bilbiluun eeruu laachuu qabu jedhame.
 
Obbo Abduulfaattaan hawaasni sosochii kamiiyyuu yeroo taasisu weerara vaayrasii koroonarraa of eeguu akka qabu ergaa dabarsuu isaanii ragaan biiricharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.