Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan hanga ammaatti Biqiltuuwwan miiliyoonni 9.8  dhaabbate – Obbo Xiraatuu Bayyanee

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnetti sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan hanga ammaatti Biqiltuuwwan miiliyoonni 9.8  dhaabbachuu sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Hojii gaggeessaan magaalichaa Obbo Xiraatuu Bayyanee ibsaniiru.

Obbo Xiraatuun raawwii sagantaa Ashaaraa  magariisaa hanga ammaa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin bulchiinsi magaalichaa hanga ammaatti Biqiltuuwwan miiliyoona 9.8 dhaabuu danda’uu ibsaniiru.

Karoora qabamerraa % 76 raawwatamuu himameera.

Magaalichaatti guyyaa tokkotti  biqiltuuwwan miiliyoona 4 dhaabuuf qophiin xumuramuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Milkaa’ina karoorichaaf dhaabbileen Amantaa, qaamoleen nageenyaa,dargaggoonnii fi dubartoonni, ogeeyyiin aartii, tola ooltoonni,Waldaaleen Siiviikii fi lammiileen hundi hirmaannaa barbaachisu akka taasiisan waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.