Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf sosochuun baatii 2f turu eegalame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf sosochuun baatii 2f turu eegalamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa magaalichaa beeksiise.
Sosochichi qaljeelfamoonni weeraricha ittisuuf ba’aan sirnaan hojiirra akka oolaniif kan gargaaru ta’uu Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaan turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Akkaataa sosochichaan itti gaafatamtoonni seektaroota mootummaa magaalichaa hundi qajeelfamoota weerara vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf ba’an sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dirqisiisa jedhan Dooktar Yohaannis.
Gama biroon dhukkubsatoota vaayrasichaan qabamuun gara kutaa yaala wallaansa cimaa seenaaniif dhiyeessii meeshaalee hargansuu fi Oksijinii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Magaalichatti hanga ammaatti namoota kuma dhibba 1 fi kuma 30f talaalliin laatamuu fi baatiwwan lamaan itti aanaan keessatti namoota kuma dhibba 3f talaallicha laachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Dooktar Yohaannis himaniiru.
Sosochii eegalame milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi ga’ee isaanii ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.