Fana: At a Speed of Life!

Magaalichi barattootaa fi barsiisota kuma 30 oomisha duultota waraanaa walitti qabaniif wiixata dhufu gaggeessaa taasisa 

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Magaalaan Finfinnee barattootaa fi barsiisota kuma 30 oomisha duultota waraanaa walitti qabuuf qophiirra jiraniif wiixata dhufu gaggeessaa kan  taasisu ta’uu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi mata duree “ Duula Barnootaa” jedhuun oomisha namoota duula birmadummaarratti hirmaachuun gara adda waraanaatti duulanii walitti qabuuf miseensota hawaasa barnootaa bakkeewwan garaagaraatti bobbaasuuf ta’uu ibseera.

Haaluma kanaan biirichi barattootaa, barsiisota, fi hoggantoota  kuma 30 oliif  wiixata dhufu gaggeessaa kan taasisu ta’uu ibseera.

Sirni gaggeessaa kun ganama sa’atii 1:00 irraa kaasee Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti bakka hoggantoonni olaanoo fi qaamolee dhimmi ilaallatu argamanitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.