Fana: At a Speed of Life!

Magaalota Duukamii fi Galaanitti kenniinsi tajaajila lafaa fi lafaan walqabatu fooyya’uu akka qabu abbootiin dhimmaa gaafatan

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Godina Addaa Naannawaa Finfinnee magaalota Duukamii fi Galaanitti kenniinsi tajaajila lafaa fi lafaan walqabatu fooyya’uu akka qabu abbootiin dhimmaa gaafatan.

Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet magaalota lameenitti argamuun tajaajiloota bulchiisaa fi itti fayyadama lafaarratti kennaman taajjabeera.

Kenniinsi tajaajilaa haala kanaan duraarra fooyyee qabaatus ammas ammayyaa’uu fi fooyya’uu akka abbootiin dhimmaa eeraniiru.

Abbootiin dhimmaa yaada nuuf kennan faayilli isaanii jalaa baduu fi dhamaatii hin malleef saaxilamuu kaasaniiru.

Rakkoolee mul’atan furuuf dhaabbileen hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Hoggantoonni magaalota kanneenii Komii abbootiin dhimmaa kaasan jiraachuu ibsuun fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii jedhamuun warren adda ba’an keessaa tajaajiloota dhimma lafaatiin walqabatan isaan ijoo ta’uu fi rakkoo jiru hambisuuf odeeffannoo karaa teeknooloojiin gara kuusaa tokkootti fiduuf hojiin eegalamuu kantiibaan magaalaa Duukam obbo Abduljaliil Abdurroo ibsaniiru.

Hojjettoota ga’umsa qaban ramaduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kantiibaan magaalaa Galaan aadde Wayinisheet Gizaawu gamasaaniin, dhiimmi lafaa irra deddeebiin komiin kan irratti ka’uu fi magaalichatti rakkoon gama kanaan jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoo jiru furuuf faayiloota gara kuusaa tokkootti walitti qabuuf hojiin eegalamuu kaasaniiru.

Hanga ammaattis faayiloota gara siistema kaadaastariitti galchuun eegalamuu fi fuuluratti cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Magaalichatti hojjettoota abbootii dhimmaa dhamaasan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu eeraniiru.

Adaanech Abbabaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.