Fana: At a Speed of Life!

Mana daldalaa uffataa maammiltoonni uffatanii ilaalataniif qarshii kaffalchiisu

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Mana daldalaa uffataa maammiltoonni uffatanii ilaalataniif qarshii kaffalchiisu ijoo dubbii ta’e.

Manni daldalaa uffataa Ispaanitti argamu maammiltoonni uffata bitachuuf yeroo seenaan uffata bitaachuuf uffatanii ilaallataani yoo otuu hin bitiin dhiisaan qarshi kafalchiisu ijoo dubbii ta’eera.

Manni uffata kun Ispaan magaalaa Bilbaayoo kan ragamu yoo ta’u, mammiltoonni mana daladalaa kana seenanii uffata yoo bitaniis biituu yoo baataniis bifa gibiraan qarshii akka  kafalchiisu ibsameera.

Maammiltoonni mana daladalaa kana seenaani kophees haata’u uffata bituuf uffatanii ilaalatanii bituulle yoo dhiisaan gatii ilaallatan qofaaf qarshii kaffalu.

Manni daldalaa kun seera baafaten maammiltoonni uffatanii ilaallatanii otuun hin bitiin dhiisaan Yuuroo 15 kafalu.

Abban qabeenya mana daldala uffataa kanaa Kamiinoo Azuulaa Paaskaal namoonni gara mana daldala keenya dhufaani erga uffata gara garaa nu gaafatanii boodde bakke biraa deemani bitu. Kanaaf ammoo nuti yeroo kanatti qisaasessinuuf jecha seera kana baafne jedhan.

Namoota fedhii uffata bituu hin qabne waliin yeroo qisaasessuu hin qabnu, kanaf bara kanaa eegalee namoonni gara mana daldalaa keenya dhufanii uffata bituuf ilaallatanii otuu hin bitiin dhiisaan Yuuroo 15 akka kaffalan taasifneerra jedhan.

Maddi:- Odiit Senteraal

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.