Fana: At a Speed of Life!

Manatsarii kaameeraan Feesbuukii hidhameef ifoome

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC)- Fuulli beekkamaan Miidiyaan hawaasummaa Feesbuukiin Manatsarii addaa Kaameeraan hidhameef hojjetee gabaaf dhiyeessuun isaa dhaga’ameera.

Manatsarichi dhaabbataa beekamaa manatsarii Reey Baanii fi kaampaanii Awrooppaa kan ta’ee Islooriliiksaatikaa waliin waloon kan hojjetamee ta’uu ibsameera.

Namoonnis salphaatti kaawwatanii itti fayyadamuu ni danda’uu jedhameera.

Fayyadamtoonni Manatsarichaa suuraawwan salphaatti kaasuu akka danda’aan taasisee hojjetame jedhameera.

Manatsarichi suuraawwan kaasuurra darbee ittin dhaggeeffachuu fi haasa’uun ni danda’amaa jedhameera.

Kanaafis fayyadamtoonni ergaawwan bilbilaa salphaatti wal jijjiiruu ni danda’uu jedhameera.

Dabalataanis Manatsariin kun appilikeeshinii kan qabuu yoo ta’u, kutaan humni itti guufatamuus qophaa’eeraaf jedhame.

Manatsarichi yeroo ammaa kana Ameerikaatti, Ingiliiz, Kaanadaa, Ayirlaandii fi Awustaraaliyaatti gabaaf kan dhiyaatee yoo ta’uu, Doolaaraa Ameerikaa 299’n gurgurumaa jiraachuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.