Fana: At a Speed of Life!

Mankuusaan qabbaneessaa qorichaa eebbifame

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Eejansiin Dhiyeessii Qoricha Ityoophiyaa mankuusaa qabbaneessaa qorichaa ijaarsisaa ture ebbisiise.

Mankuusaan qabbaneessaa qorichaa kun qorichoonni tajaajila talaallii dhibee pooliyoo fi kaansarii osoo hin badin yeroo dheeraaf akka turaniif kan gargaarudha jedhameera.

Eejansichi buufataalee fayyaa biyyattii keessatti argamaniif qorichaa fi meeshaalee bu’uraa yaalaa fayyaaf oolan dhiyeessuu irratti argama.

Meeshaalee fi qorichoonni galtee yaala fayyaa kunneen nageenyummaan isaanii eegamee tajaajila barbaachisuuf akka oolan qabbaneessi kun murteessaa ta’uun himameera.

Kanaan dura qabbaneeessan ture hanga meetir kiyuubii 300 qofa kan qabatu ture.

Qorichoota tursiisuun rakkoo guddaa akka ture daayreektarri ejansichaa Dooktar Lookoo Abrahaam dubbataniiru.

Qabbaneessaan amma ebbifame kun isa duraa dachaa sadiin kan caalu ta’uu ibsaniiru.

Kuusaan qabbaneessaa qorichaa abbaan meetir kiyuubii 300 lama hojjetamaa kan jiru yoo ta’u , yeroo itti aanu keessati kanneen biroos kan hojjetaman akka ta’e eerameera.

Kuusaan ebbifame kun baajata Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii /UNICEF/ irraa argame Birri miiliyoona 20 kan ijjaarrame ta’uun ibsameera.

Sirna ebbaa kana irratti qaamoolee deeggarsa maallaqaa taasiisaniif beekamtii fi badhaasni laatameera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.