Fana: At a Speed of Life!

Manneen Barnoota Idil Addunyaa Ityoophiyaatti argaman 5 keessatti carraan barnoota bilisaa kennamuufi

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)-Manneen Barnootaa Hawaasa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti argaman barattoota kaffalanii barachuu hin dandeenyeef carraa barnoota bilisaa kennuuf ta’uun ibsame.

Manneen barnoota kunneenis, M/B Liisee Gabramariyaam, M/B Xaaliyaanii ,M/B Beengihaam ,M/BSaanfordii fi M/B Hawaasa Ameerikaa ta’uun eerameera.

Ministirri Ministeera Barnoota Piroofeesar Birhaanuu Naggaan dhimmicharratti hoggantoota manneen barnootaa kanneenii waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, barattoota fedhii barachuu osoo qabanii barachuu hin dandeenye fayyadamoo taasisuuf manneen barnootaa hawaasa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti argaman barattoota %10 simachuun akka barsiisaniif waligalteerra ga’amuun ibsameera.

Piroofessar Birhaanuun, manneen barnoota carraa kana kennuuf waliigalan galateeffachuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.