Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa dhuunfa 4 qajeelfama kaffaltii hojiirra hin olchine beekkamtii fi eeyyamni isaanii waggaa tokkoof  dhorkame

 

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Manneen barnootaa dhuunfa 4 qajeelfama kaffaltii hojiirra hin olchine beekkamtii fi eeyyamni isaanii waggaa tokkoof  dhorkame.

 

Tattamsa’ina weerara vaayrasii koroonaan walqabatee hojiirra oolmaa qajeelfama kaffaltii mootummaan manneen barnootaa dhuunfaaf kaa’e darban manneen barnoota 4 waggaa tokkoof beekkamtii fi eeyyamni isaanii dhorkamuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

 

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Hojii Gaggeesituun Olaantuun Abbaa Taayitaa kenninsaa Dandeettii Oogummaa Leenjii Qulqullinaa fi Barnootaa aadde  Shawiit Shaanka akka ibsanitti, weerara vaayrasii koroonaan walqabatee ministeerri barnoota Bitootessa 7, 2012 eegalee manneen barnoota akka cufaman murteessun ni yaadatama.

 

Ministeerri Barnootaa manneen barnoota dhuunfaa kaffaltiin tajaajila barnootaf kaffalchiisan %50 hanga 75 akka ta’u bu’uuruma murtaa’een manneen barnoota hedduun hojiirra oolchaa jirachuu ibsee ture.

 

Qajeelfama kaffaltii mootummaan kaa’e darbuun manneen barnoota dhuunfaa 21f akeekkachiisa dhumaa laachuu Abbaa Taayitaa kenninsaa Dandeettii Oogummaa Leenjii Qulqullinaa fi Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksisuun isaa ni yaadatama.

 

 

Kanneen keessaa manneen barnootaa 17 sirreeffama kan taasisaan yoo ta’u, manneen barnoota dhuunfaa 4 kaffaltii mootummaan manneen barnootaa dhuunfaaf kaa’e darbuun waggaa tokkoof beekkamtii fi eeyyamni isaanii dhorkamuu ibsaniiru.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.