Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa hundaaf haguuggiin afaanii fi funyaanii tolaan ni laatama

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Manneen barnootaa hundaaf haguuggiin afaanii fi funyaanii tolaan ni laatama jedhe Ministeerri Barnootaa FDRI.
 
Ministeerichi baruu barsiisuu bara barnootaa kanaa eegaluuf qophii xumuruu beeksiseera.
 
Manneen barnootaatti hojiin galteewwan barbaachisoo dhiyeessuu guutamaa jiraachuus ibseera.
 
Daayreektarri koominikeeshinii ministeerichaa aadde Haaragwaa Maammoon barnoonni eegalamuu isaatin dura manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa hundaaf haguuggiin afaanii fi funyaanii bilisaan kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan magaalaa Finfinnee fi Hawaasaa jiddugaleessa godhachuudhan manneen barnootaa magaalotaa fi naannolee hundaaf kan raabsamu ta’uu beeksisaniiru.
 
Bittaan haguuggii afaanii fi funyaanii ulaagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa guutan paarkota indaastirii biyya keessaarraa bitamaa jiraachuu eeran.
 
Haguuggichi miiccamuun tajaajila kan laatu jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.