Fana: At a Speed of Life!

Manneen daldalaa naannoo Piyaassaa 7 irra balaan ibiddaa qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Araadaa aanaa 10 naannoo Piyaassaatti manneen daldalaa 7 irra balaan ibiddaa qaqqabuun himame.

Guyyaa har’aa ganama naannoo sa’aatii 4:40 irratti balaa ibiddaa tasa uumameen suuqonni daldalaa 7 guutumaan guututti gubataniiru.

Koomiishiniin Hoggansaa fi Ittisa Balaa Ibiddaa Finfinnee iddichatti argamuun balichi miidhaa dabalataa osoo hin geessisin to’achuu danda’eera.

Balaa kanaan nama irra miidhaan qaqqabe kan hin jirre yoo ta’u, ka’umsi balichaa qoratamaa jira jedhameera.

Naannoo balichaatti manneen nyaataa, suuqonni gurgurtaa uffataa, manatsirii fi dibataalee baay’inaan ni argamu.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.