Fana: At a Speed of Life!

Manneen jireenyaa waliinii abbootii murtii federaalaa ebbifame

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) – Manneen jireenyaa waliinii abbootii murtii Federaalaa ebbifame.

 

Sirni eebbaa manneen jireenyaa abbootii murtii federaalaa gaggeeffame.

 

Sirnicha irratti kan argaman Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammaad proojatichi xumuramuun isaa sirna haqaa bifa guutuun uwwisuu,  tajaajila si’ataa fi qulqullina isaa guddisuuf  kan ooludha jedhan.

 

Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii gama isaniin waggoota afuriif hojiirra kan ture proojaktichi xumuramuun tajaajila eegaluu isaatti gammaduun ijaarsichi bu’aa bahii keessa darbuun xumuramuu galma ga’eera jedhan.

 

Hojii Gaggeessaa Olaanaa Waajjira Proojaktii Ijaarsa Gamoowwanii Mootummaa Federaalaa obbo Tsaadiq Takla’aragaay ijaarsi gamoowwan mootummaa federaalaa adda dureen waajjiraalee mootummaa federaalaa fedhii gamoo deebii laachuuf kayyoo godhatee kan hundaa’e ta’u himaniiru.

 

Bu’uuruma kanaan waajjirichi waliigalaan hanga ammaatti gamoowwan 33 ta’an waajjiraalee mootummaa 20f ijaaruun  tajaajila kennu taasiseera jedhan.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.