Fana: At a Speed of Life!

Manneen murtii federaalaa dhimmoota filannoo keessummeessuuf, qophii taasisaa jiru

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Manneen murtii dhimmoota filannoorratti mormii ka’uu malan bifa addaatin keessummeessuuf, qophii taasisaa jiru.
 
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa filannoo biyyoolessaa gaggeeffamu waliin walqabatee, gaaffilee abbaa seerummaa ka’aniif tajaajila si’ataa fi amanamaa laachuuf qophii taasisaa jiraachuu beeksiseera.
 
Manneen murtii federaalaa labsii filannoo Ityoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo 1162/2011 itti gaafatama kennameef, heera mootummaa fi seeran walsimsiisuun hojjechuuf ga’eesaa ba’achaa tureera.
 
Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafiin hoggansa manneen murtii federaalaa sadanii fi qindeessitoota dhaddacha ramaddii waliin qophii filannoo fi hojii manneen murtiirratti mari’ataniiru.
 
Haaluma kanaan hojiilee filannoon duraa, yeroo filannoo fi filannoon booda ga’ee manneen murtii federaalaarratti mari’atameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.