Fana: At a Speed of Life!

Manneen murtii federaalaa guyyoota dabalataaf gariin cufaa ta’anii turu

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) –Manneen murtii federaalaa guyyoota hojii 30f gariin cufaa ta’anii akka turan Manni Murtii Waliigalaa Federaala beeksise.

 

Tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf manneen murtii federaalaa Eebila10, 2012 eegalee hanga Caamsaa 30, 2012 gariin cufaa ta’anii akka turanii fi dhimmoota ariifachiisaa qofa akka ilaalaan ta’uu ni yaadatama.

 

Bu’uuruma kanaan manneen murtii federaalaa Waxabajjii 1, 2012 eegalee hanga Adoolessa 10, 2012 guyyoota hojii dabalataan 30 gariin cufaa ta’anii akka turan murtaa’uu ibseera.

 

Dhimmoota ariifachiisa ta’an kanneen akka soorata daa’immanii fi guddina isaanin walqabatee dhimmoota jiran, dhimmoota wabii, dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa, miidhaa daa’immanii fi dubartootarra ga’u fi qajeelfama raawwii labsii yeroo ariifachiisaa wallin walqabtee kan ilaalamu ni ta’a.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.