Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Waggoota 20 oliif cufamee ture deeggarsa maatii tokkoon baname

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Godina Walaayittaa aanaa Naannawaa Sooddootti Manni Barumsaa sadarkaa 1ffaa Waggoota 20 oliif cufamee ture deeggarsa maatii Diyaaspooraa tokkoon baname.

Manni Barumsaa sadarkaa 1ffaa Abbabaa Birruu jedhamu waggoota 20 oliif cufamee ture deeggarsa Ityoophiyaanoota Ameerikaa Kaabaa jiraataniin banamuu eerameera.

Manni barumsaa kun jalqaba bara 1960 eegalee tajaajila kennaa turuu jiraattoonni naannawichaa ibsaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa fi Kaanaadaa jiraatan miseensonni maatii tokkoo Birrii miiliyoona 3 ol baasii gochuun manni Barumsaa kun irra deebiin akka banamu taasiisuu isaanii eerameera.

Manni Barumsaa Abbabaa Birruu kun ulaagaalee Ministeera Barnootaa guutuun qajeelcha barnootaa godinichaarraa beekkamtii argachuu Miseensi Boordii mana barumsichaa Obbo Haabtaamuu Xiimooteewoos Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Mana Barumsichaa sadarkaa 2ffaatti guddisuuf karoorri qabamuu dubbataniiru.

Isumaan Mahaammaditu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.