Fana: At a Speed of Life!

Manni Mare magaalaa Hawaasaa baajata bara 2013f Birrii biiliyoona 2.5 raggaasise

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Manni Maree magaalaa Hawaasaa baajata bara 2013f Birrii biiliyoona 2.5 fi muudama kantibaa haaraa raggaasise.
 
Manni Maree magaalaa Hawaasaa wagla’ii idilee 2ffaa marsaa 6ffaa bara 13ffaa gaggeessaa jira.
 
Manni marichaa gargaaraa Proofeesaraa Tsaggaayee Tukkee itti aanaa Kantibaa magaalaa hawaasaa fi baajata bara hojii 2013f Birrii biiliyoona 2.5 dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.
 
Gargaaraan Proofeesaraa Tsaggaayee Tukkee itti aanaa kantibaa duraanii magaalaa Hawaasaa, sadarkaa itti aanaa Kantibaatti itti gaafatamaa hojii gaggeessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee yeroo ammaa bakka bu’uun muudamuu isaanii ragaan koominikeeshiinii magaalaa Hawaasarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.