Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa muudama ministiroota fi abbootii seeraa raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 12 , 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata FDRI walga’ii ariifachiisaa 4ffaa bara hojii 5ffaa har’a galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeesseen muudama ministirootaa fi abbootii seeraa raggaasiseera.
 
Manni marichaa muudama ministirootaa Muummeen Ministiraa FDFI Dooktar Abiy Ahimad dhiyeessan raggaasiseera.
Haaluma kanaan:-
 
1. Dooktar Qana’aa Yaadataa Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI.
 
2. Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Abbaa Alangaa Waliigalaa DFRI.
 
3. Dooktar Saamu’eel Hurqaattoo Ministira Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo.
 
4. Injiinar Taakkalaa Uumaa Ministira Ministeera Albuudaa fi Boba’aa ta’uun dhiyaatan manni marichaa sagalee caalmaan mirkaneesseera.
 
Dabalataan manni marichaa kaadhimamtoota abbootii seeraa mana murtii olaanaa federaalaa 40 fi sadarkaa jalqabaa 50 dhiyaate sagalee caalmaan raggaasiseera.
 
MuudamtoonnI kunneen mana marichaa fuulduratti dhiyaachuun kakuu raawwachuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI irraa argame ni muu’isa.
 
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.