Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa yaada murtoo filannoo waliigalaarratti dhiyaate koree dhaabbii dhimmisaa ilaallatuuf qajeelche

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idileesaatin, yaada murtoo filannoo waliigalaarratti dhiyaate koree dhaabbii dhimmisaa ilaallatuuf qajeelche.
 
Walga’ichi galma Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffameera.
 
Waltajjii har’aatin dhimmoota addaddaarratti mari’atee murteewwan dabarseera.
 
Manni marichaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa filannoo waliigalaarratti yaadolii murtee dhiyeesse dabalatee ajandaalee 5 irratti mari’ateera.
 
Yaada murtoo filannoo waliigalaarratti walitti qabduun boordichaa aadde Birtukaan Miidhagsaan yaada dhiyeessanirratti manni marichaa mari’atee yaada kallattii itti aanuf koree dhaabbii dhimmi ilaaluf sagalee mormii 3, kan sagalee hin laanne 7 fi sagalee caalmatiin qajeelchera.
 
Yaada murtii dhiyaaten sababii weerara vaayrasii koroonaatin, filannoo biyyoolessaa gaggeessun kan hin danda’amne ta’uunis ibsameera.
 
Wixinee labsii waliigaltee liqaa mootummaan Ityoophiyaa fi Fandiin Misoomaa Saawdii Arabiyaa dhiyeessii bishaan dhugaatii biyyoolessaa 2ffaa, raawwii sagantaa saaniteeshinii fi haayjiniirratti mari’atee raggaasiseera.
 
Wixinee labsii waliigaltee liqaa Ityoophiyaa fi Baankiin Eekispoort – Iimpoort Kooriyaa hundeeffama wiirtuu qorannaa Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaaf, fooyyessa daandii Dabra Maarqoos – Mooxaaf Fandii Misoomaa Saawdii waliin, Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa waliin ammoo jireenya lammiilee naannoo gammoojii jiraatan fooyyessuuf dhiyaaterratti mari’atee raggaasiseera.
 
Wixinee labsii elektirooniik traanzaakshin irrattis mari’achuun koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dabarseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.