Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesa guyyaa boruu ni gaggeessa

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesa guyyaa boruu ni gaggeessa.

Manni Marichaa walga’ii isaan murtoowwan garagaraa qorachuun ni raggaasisa.

Yaada murtoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoo waliigalaa ilaalchisuun dhiyeesse dabalatee ajandaawwan shan kan ilaalu ta’a.

Ityoophiyaa fi Fandii Misooma Sawudii jidduutti wixineen waliigaltee liqaa sagantaa dhiyeessi bishaanii, saniiteeshinii fi haayjiin raawwachiisuuf taasifameerratti fi kanneen biroo irratti mari’achuun akka ragga’u ni eeggama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.