Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa  deeggarsa misoomaa  Ityoophiyaa yeroof ture ilaalchisee mari’achuufi

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Manni Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa  deeggarsa misoomaa  Ityoophiyaa yeroof ture ilaalchisee mari’achuuf ta’uu bakka bu’aan mirga namoomaa gamtichaa Imoon Giliimoor ibsan.

Imoon Giliimoor haala mirga namoomaa biyyattii keessa jiru madaaluuf Ityoophiyaatti daawwannaa guyyoota sadii taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin Preezdaantii FDRI saahilawarq Zawdee, Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin fi hoggantoota mootummaa olaanoo waliin mari’ataniiru.

Dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa mirga namoomaa irratti hojjetan akkasumas paartilee siyaasaa waliinis mari’achuu ibsameera.

Daawwannaan isaanii dhimmoota mirga namoomaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu fi  marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Ityoophiyaa kutaalee garaagaraa keessatti namoonni sababa walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaatiin miidhaman jiraachuu eeruun, deeggarsi namoomaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.