Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeeshiinii raayyaan ittisa biyyaa injifannoo gonfateen erga baga gammadaanii dabarse

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)- Manni Maree Federeeshiinii raayyaan ittisa biyyaa injifannoo gonfateen erga baga gammadaanii dabarseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa duula olaantummaa seeraa kabaachisuu marsaa 3ffaa naannoo Tigraayitti taasise xumuruu ilaalchisee Manni Maree Federeeshiinii sabaa fi sablammoota, akkasumas, ummattoota Ityoophiyaa maraaf ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Sabaafi Sablammoonni akkasumas ummattoonni Ityoophiyaa hundi hamiilee fi deeggarsa garagaraan Raayyaa Ittisaa cinaa hiriiruun milkiin argamee kan ummattoota Ityoophiyaa maraa ta’uus ibseera.

Gammachuu fi injifannoo argamee eeggachaa gochoota seeran alaa sirna tokkummaa biyyaaleessaa keenyaa diigan waliin ittisaa tokkummaa fi kabaja keenya eegsisuufi tumsuun ajandaawwaan badhaadhinaa biyyaaleessaa gama hundaarratti xiyyeeffachuun abbaa biyyaa guddaa ta’uu keenyaa milkiwwan fulduratinis ni mirkaneessina jechuun rgaan Mana Maree Federeeshiiniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.