Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeshinii Ityoophiyaa naannoon Tigiraay filannoo gaggeessuuf qophii itti jiru hatattamaan akka dhaabu gaafate

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) – Manni Maree Federeshinii Ityoophiyaa naannoon Tigiraay filannoo gaggeessuuf qophii itti jiru hatattamaan akka dhaabu gaafate.

 

Naannichi Sirna heeraa balaarra buusuuf adeemsa eegaleen kan itti fufu yoo ta’e manni marichaa aangoo heera biyyaattiin kennameef akkasumas seerota biroorratti hundaa’uun tarkaanfii akka fudhatullee beeksiseera.

 

Haata’uuti, mootummaan naannoo Tigiraay murtoo kana cinaatti dhiisuun filannoo gaggeessuuf murteessee sochii gochaa jira kan jedhe manni marichaa heeraa mootummaa keyyata 102 filannoo fedeeraalaa fi naannoo bilisaa  fi sirriin gaggeessuu kan danda’u boordii filannoo biyyaalessaa qofa akka ta’e fi boordiin filannoo sadarkaa naannootti akka hin jirre eereera.

 

Manni maree federeeshinii xalayaa mootummaa naannoo Tigiraayiif barreesseen sochii yeroo ammaa naannichi taasisaa jiru faallaa heera biyyaa, sirna heera biyyaarratti hundaa’e balaarra kan buusuufi sirna federaalaa biyyattii kan miidhudha  jedheera.

 

Dabalatanis akkaataa seera mootummaa keeyyata 50(8) aangoo mootummaa federaalaaf kennameen naannooleetti kabajamuu kan qabuu fi olaantummaa seeraa keeyyata 9(1) jalatti taa’een murtoon seeraa ykn qaama mootummaa kamiyyuu seera mootummaa waliin kan walfaallessu yoo ta’e itti fufiinsa kan hin qabannee ta’uu beekuun mootummaan naannichaa murtoo seera mootummaa fi mana maree federeeshiinii akka kabajuu fi sochii seeraan alaa jalqabe akka dhaabuu jechuun manni mariicha hubachiseera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.