Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Finfinnee yaa’ii idileesaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 7ffaasaa gaggeessaa jira.

Manneen waliinii kumni dhibbi 1 fi kumni 25 ijaarsarratti kan argaman ta’uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan gabaasa mana maree magaalichaatif dhiyeessaniin manneen waliin jireenyaa kumni dhibbi 1 fi kumni 25 ijaarsarra jiraachuu eeraniiru.
 
Ijaarsichis manneen gatii madaalawaan dhiyeessuuf gargaara jedhan.
 
Manni marichaa yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 7ffaasaa taa’aa jira.
 
Injiinar Taakkalaan gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2012 dhiyeessaniin, kuufamni baankii fi rakkoon daangaa jiraatus, manneen lammiiledhaaf gatii madaalawaadhan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Manneen ijaarramaa jiran keessaa 95,000 kan sagantaa 20/80 yoo ta’an, 29,000 ammoo kan sagantaa 40/60 ta’uu ibsan.
 
Dabalataan waggoottan lamaan darbanitti jiraattotaa fi qonnaan bultoota magaalichaa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa turuu eeran.
 
Hojiilee misooamaa addaddaa hojjetamaniif deeggarsi mootummaa federaalaa olaanaa ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
 
Kallattiiwwan xiyyeeffannaa bara baajataa 2013 irrattis mariin kan taasifamu ta’a.

Baajatni kaappitaalaa fi idilee 2013, gabaasni Oodiitara Olaanaa fi manneen murtii, akkasumas muudamni addaddaa ni ragga’aan eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.