Fana: At a Speed of Life!

Manni maree manneen amantaa hordoftoota wangeelaa hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Manni maree manneen amantaa hordoftoota wangeelaa hundaa’e.

Manni marichaa dhaabbilee amantaa hunda waliin ta’uudhan nageenyaa fi tokkummaa biyyaa cimsuuf hojjeta jedhameera.

Manni marichaa ibsa har’a laaten akka beeksisetti, hundaa’uun mana marichaa mirgaa fi dirqama hordoftootaa kabachiisuuf ni hojjeta.

Hordoftoonni wangeelaas walitti dhiyaatanii tumsaan akka hojjetan ni fayyada jedhameera.

Sanarras darbee dirqama biyyaa ba’achuuf ni hojjeta.

Barsiisa, naamusa, bulchiinsaa fi kenniinsa tajaajilaarrattis waliin ni hojjeta jedhan walitti qabaan mana marichaa Lubni Darajjee Jambaruun.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.