Fana: At a Speed of Life!

Manni maree Ministeeroota walga’ii idileessa 80ffaa har’a gaggeesseen murtee dabarse

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) –Manni maree Ministeeroota walga’ii idileessa 80ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’achuun murtee dabarse.

Manni marichaa jalbarratti imaammata wixinee itti fayyadamaa fi misooma afaanii irratti mari’ateera.

Imaammata afaanii qopheessuun kan barbaachiseef mirgi afaanii heeraa mootumman beekkamti yoo argullee imaammata afaanii ofii isaa danda’e waan hin qabneef, itti fayyadama, eegumsaa fi misooma afaanii ilaalchisuun rakkinoota ka’an kan hiiku qajeelfamaa fi sirna hojimaata kaa’un barbaachisaadha. Manni marichaa imaammata wixinichaarratti bal’inaan mari’achuun hojiirra akka olluf murteesseera.

Dabalaatan, manni marichaa imaammaatta wixinee horsiisee bultootaarratti mari’ateera. Bal’inaan erga irratti mari’atee booddee imaammatichi hojiirra aluuf sagalee guutuun murteesseera.

Itti aansuun,  Mannii Maree Ministeeroota waliigaltee liqaa ESDR 65,330,000.00 proojaktii fooya’insa jireenyaa naannoo gammoojji raawwachisuuf kan ooluu irrattidha. Waliigaltichi kan raawwatame fandii misooma qonnaa idil addunyaa waliin yoo ta’u, kaayyoon isaa   jireenay hawaasa horsiisee bultoota biyya keenyaa fi gariin horsiisee bultoota jijjiiruu fi cimsuuf proojaktii hojjetudha. Manni marichaa labsiin kun akka ragga’uuf mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

Dabalataan, manni maricha kan mari’ate, vaayrasi koronaa ittisuuf hordoffii kan taasisu koree ministiroota biyyaalessa hundeessudha. Manni marichaas ministeera eegumsa fayyaan kan gaggeeffamuu fi miseensoota 6 ofi keessatti kan qabate akka hundaa’u murteesseera.

Aadde Mufaariyaat Kaamil – Ministira Nageenyaa

Obbo Ahmad Shidee – Ministira Maallaqaa

Aadde Adaanacha Abeebee – Ministira Galiiwwanii

Obbo Gadduu Andaargaachaaw – Ministira Dhimma Alaa

Aadee Daagimaawit Mogas Ministira Geejjibaa

Dooktar Liyaa Taaddasaa Ministirri Deettaa Eegumsa Fayyaa

Dhumarratti, manni marichaa kan mari’ate hidha haaromsaa irratti yoo ta’u, wanti kamuu fedhii fi faayidaa Ityoophiyaa bifa eeggateen qofa  akka raawwatamuu fi waliigaltee biyyaalessa kan tuqu mootummaa Ityoophiyaa akka hin raawwanne ibsameera.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.