Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murteewwan addaddaa dabarse

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 78ffaa gaggeessen murteewwan addaddaa dabarse.
 
Manni marichaa wixinee Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaaf beekamtii seeraa laachuuf qophaa’erratti mari’achuudhan mirkaneessee, akka ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItif ergeera.
 
Wixinee labsii hundeeffama Wiirtuu Qorannaa Misooma Artifiishaal Intalajansii hundeessuuf qophaa’errattis mari’atee raggaasisuudhan Gaazexaa Nagaaritaan maxxanfamee hojiirra akka oolu murteessera.
 
Wixinee labsii siiviil aviyeeshinii fooyyessuuf qophaa’erratti mari’atee, yaadani fooyyessaa waltajjichaan dhiyaate itti ida’amee akka ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatif akka ergamu murteessera.
 
Manni Maree Ministirootaa wixinee tarsiimoo yakka qindaa’aa ittisuuf qophaa’errattis mari’achuudhan, yaadni fooyyessaa marichaan dhiyaate itti ida’amee hojiirra akka oolu raggaasiseera.
 
Manni marichaa wixinee dambii hundeeffama Koorporeeshinii Injinariingii Raayyaa Ittisaa qophaa’erratti mari’atee, dambichi Gaazexaa Nagaaritaan ragga’ee hojiirra akka oolu murteessera.
 
Wixinee labsii misooma sululaa, bulchiinsaa fi itti fayyadama hawaasaarratti kan mari’ate manni marichaa, yaada fooyyessaa waltajjicharraa kenname ida’ee akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRIf akka ergamu murteessera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.