Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murteewwan dabarse

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’iisaa 83ffaa har’a gaggeessen murteewwan addaddaa dabarse.
 
Manni marichaa fayyadama qabeenya ji’ootarmaaliirratti fooyyessa labsii dhiyaaterratti mari’atee akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRIf ergeera.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti ogeeyyiin tajaajila fayyaa laatan jireenya dhuunfaa ofii fi maatii isaanii aarsaaf dhiyeessuun waan ummata tajaajilaa jiraniif doorgoon si’eessituu fi faayidaan akka herreeggamuuf qajeelfama ba’erratti mari’atee hojiirra akka oolu raggaasiseera.
 
Wixinee labsii baajata dabalataa bara baajataa 2012 mootummaa federaalaa fi diinagdee maakroo fi fiiskaalaa bara jiddugaleessaa (2013-2017) dhiyaaterrattis mari’atee sirreeffama itti ida’uudhan akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatif ergeera.
 
Dambii beenyaa lafaa; lammiilee misoomaf kaafamaniif kaffalamuu fi deebisanii dhaabuuf qophaa’erratti mari’atee sirreeffama itti ida’uudhan Gaazexaa Nagaaritiin maxxanfamee akka hojiirra oolu murteessera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.