Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa walga’ii Ariifachiisaa 2ffaa gaggeesseen  turtiin labsii yeroo ariifachiisaa akka gabaabbatu murtoo dabarse

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii Ariifachiisaa 2ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen  turtiin labsii yeroo ariifachiisaa akka gabaabbatu murtoo dabarseera.

Manni Marichaa labsii yeroo ariifachiisaa balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamame ittisuuf ba’e lakkoofsa 5/2014 ilaalchisee yaadata murtoo dhiyaateerratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Balaa gareen shororkeessaa ABUT fi jaallewwan isaa birmadummaa biyyaarratti aggaaman seera idileen ittisuun waan dadhabameef Manni Maree Ministirootaa Onkololeessaa 23, 2014 Labsii Yeroo Ariifachiisaa lakkoofsa 5/ 2014 labseera.

Labsichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuun labsii lakkoofsa 1264/2014 ta’uun ragga’ee hojiirra oolaa tureera.

Yaa ta’uutii haalli ture jijjiirramuun sadarkaa sodaa birmadummaa biyyaa seera idileen kabachiisuu fi ittisuun danda’amurra ga’amuu isaa hordofee labsii baatii jahaaf labsame  yeroo turtii isaa gabaabsuun barbaachisaa ta’ee argamuu Manni Marichaa walga’ii gaggeesseen himeera.

Akkaataa labsii lakkoofsa 1264/2014 keewwata 11 muraa 2 jalatti tumameen Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsiin baatii jahaaf labsame yeroon isaa osoo hin xumuramin haalli jiru yoo jijjiirramee fi rakkoo uumama seera idileen kabachiisuu fi ittisuun danda’amnaan yeroo labsichaa gabaabsuuf aangoo akka qabu kaa’ameera.

Yeroo turtii isaa ilaalchisee yaada murtoo dhiyaaterratti manni Maree Ministirootaa mar’achuun erga raggaasiisee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelfamu murteesseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.