Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 10ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 10ffaa gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Manni Marichaa labsii gurmaa’iinsa Abbaa Taayitaa Inarjii fi Boba’aa murteessuuf ba’e lakkoofsa 1263/2014 irratti erga mari’atee booda galteewwan dabalataan barbaachisaan dabalamuun guyyaa Gaazexaa Nagaaritti ba’ee eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.

2. Wixinee labsii sirna kaffaltii biyyaaleessaa fooyya’ee dhiyaate irratti mari’achuun,wixinichirratti galteewwan dabalataan barbaachisaan erga dabalamee booda akka ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelcheera.

3.Manni Marichaa Maallaqa liqaa Piroojektoota galma misoomaa damee fayyaaf ooluu mootummaa Rippaablika Xaaliyaanii argamee fi waldaa misooma Idil addunyaa sagantaa sirna nyaataa raawwachiisuuf eegamame irratyi mari’ateera.

Dhalli liqichaa imaammata biyyattii waliin kan walsimu ta’uu isaan erga mirkaneessee booda akka ragga’uuf Mana maree Bakka bu’oota ummataaf dabarseera.

4.Akkasumas danbii galii mootummaa fedeeraalaa fooyyesuuf ba’e lakkoofsa 979/2008 keeyyata 65 muraa 2 irratti gadi fageenya erga nari’atee booda galteewwan barbaachisaan dabalamanii guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti ba’ee hojiirra akka oolu murteesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.