Fana: At a Speed of Life!

Manni maree naannichaa wixinee labsii hundeeffama magaalota giddugaleessaa raggaasise

Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Ummatootaa Kibba Lixa Ityoophiyaa wixinee labsii hundeeffama magaalota giddugala sabdaneessummaa ta’an irratti mari’achuun raggaasiseera.

Labsichaan naannichi magaalota giddugaleessaa afur akka qabaatu kan ragga’e yoo ta’u, magaalota Boongaa, Tarcaa, Miizaanii fi Teeppii akka ta’an murtaa’eera.

Haaluma kanaan, Magaalaan Boongaa teessoo pireezidaantii naannichaa, Magaalaan Tarcaa teessoo mana maree naannichaa, Magaalaan Miizaan teessoo abbootii murtee naannichaa, Magaalaan Teeppii teessoo mana maree sabaa fi sablammoota naannichaa akka ta’an ragga’eera.

Sababni magaalonni giddugaleessaa naannichaa afur ta’aniif guddina dinagdee haqa qabeessaa mirkaneessuuf ta’uu labsichaan eerameera.

Dabalataan, manni marichaa muudama abbootii murtee 22 manneen murtii olaanoof akkasumas manneen murtii aanotaa fi magaalotaa raggaasiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.