Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa’ii Ariifachiisaa 4ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeesseen murtoo hatattamaa dabarse

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa’ii Ariifachiisaa 4ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeesseen waamicha ariifachiisaa dabarseera.

Humni Weerara ABUT haleellee bal’aa ta’e ummata Amaararratti raawwachuun ajjeessaa salphisaa, qabeenya saamaa fi barbadeessaa Ityoophiyaa diiguuf qabsoo du’aa fi jireenyaa taasiisaa jiraacuuu manni marichi ibseera.

Balaa birmadummaa qaqqabaa jiru qolachuuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu idileen injifachuun haala hin danda’amnerra ga’uu himeera.

Manni marichaa yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen murtoo waamicha hatattamaa dabarseera.
Haaluma kanaan:-

1.Tajaajilli laatamu akkaatuma barbaachisummaa isaan madaallamee kan murtaa’ ta’ee, Dhaabbileen mootummaa kamiiyyuu tajaajila idilee adda kutuun duula birmadummaa muudate qolachuuf dhimmoota dandeessisanirraatti akka hirmaatu murtaa’eera.

2.Konkolaattoonni mootummaa hundi giddugala tokkotti walitti qabamuun tajaajila duula birmadummaaf akka oolan,

3. Milkaa’ina duula birmadummaaf jecha abbootiin qabeenyaa dhuunfaa yeroo barbaadamanitti konkolaattoota laachuun itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an.

4.Hoggansi sadarkaan jiru duula birmadummaa fudhachuun ummata gurmeesse fuuldura hiriiruun gara adda waraanaatti akka duulu fi hoggansa kana hin raawwanneerratti tarkaanfiin akka fudhatamu murteesseera.

5. Qaamni meeshaa waraanaa mootummaa fi dhuunfan hidhate hundi tajaajila duula birmadummaaf akka oolchuu,

6.Ummataa duula birmadummaarratti hirmaachaa jiruuf loojastiksiin barbaachisu akka dhiyaatu hoggansi sadarkaan jiru dhiyeessii barbaachisu akka raawwatu,

7. Jiraattoonni naannichaa karaa gurmaa’een naannoo isaa eeguun lootee seentoota hordofuun qaama dhimmi ilaallatuuf dabarsee laachuun itti gaafatamummaa isaa akka ba’u,

8. Duula birmadummaa bu’aa qabeessa taasiisuuf sochii godhamutti qaamolee, garee yookaa nama dhuunfaa gufuu ta’an kamiiyyurratti tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu murtaa’uu fi,

9.Dhaabbilee tajaajila akka laatan eeyyamameefin ala magaalota naannichaa hundakeessatti galgala sa’aatii 2:00 booda socho’uun kan hin danda’amne ta’uu Manni Maree naannichaa yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen murteesseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.