Fana: At a Speed of Life!

Naannon Kibbaa fi naannon Sidaamaa aangoo walharkaa fuudhan

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Naannoon Kibbaa buleeyyinii fi naannoo haaraan Sidaamaa sirna walharka fuudhinsa aangoo gaggeessan.
 
Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii ariifachiisaa 2ffaa bara hojii 5ffaasaa gaggeessaa jira.
 
Af yaa’iin mana marichaa aadde Heelan Dabbabaan yaa’chaan ajandaalee 4 irratti kan mari’atamu ta’uu ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan naannoon Kibbaa buleeyyinii fi naannoo haaraan Sidaamaa sirna walharka fuudhinsa aangoo gaggeessaniiru.
 
Naannoon Kibbaa fi naannon Sidaamaas sirna walharkaa fuudhinsa aangoo mana marichaa fulduratti raawwataniiru.
 
Manni marichaa baajata dabalataa Birrii biiliyoona 2.6 ol irrattis mari’atee raggaasiseera.
 
Manni marichaa caaseffama haaraa naannichaa ilaalchisuun gabaasa yaada murtoo dhiyaaterrattis mari’ateera.
 
Dhimmicharrattis itti aanaan preezdaantii nananichaa obbo Ristuu Yirdaaw deebii laataniiru.
 
Yaa’iin ariifachiisaa kun guyyoota 3f kan gaggeeffamu ta’as jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.