Fana: At a Speed of Life!

Manni maree naannoo Tigraay yaa’ii idileesaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Manni maree naannoo Tigraay yaa’ii idilee marsaa 18ffaa bara hojii 5ffaasaa gaggeesuu eegaleera.

Ya’iichi guyyoota shaniif magaalaa Maqalee, galma mana mareetti gaggeeffama.

Manni marichaa raawwii hojii baatii 6 qaamolee hoji raawwachistota naannichaa irratti ni mari’ata.

Wixineewwan labsii 21 irratti mari’achuun ni raggaasisaan egama.

Wixinee labsii aanaalee irra deebiin gurmeessuu, hoji raawwachiistota magaalaa fi aanaalee, itti fayyadama lafaa fi labsii bulchiinsaa irratti mari’achuudhan ni raggaasisaan eegama.

Raawwii hojii baatii 6 mana murtii waliigalaa fi odiitara olaanaa naannichaarrattis mari’achuun ni raggaasisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.