Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa Hararii, Baha Oromiyaa, Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisaa haala nageenyaarratti mari’ate

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Naannoo Hararii, godinaalee baha Oromiyaa, Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI raawwii hojii baatii 6 gamaaggame.

Manni maree kun haala nageenyaa, daddabarsa meeshaalee waraanaa fi daddabarsa namoota seeraan alaa ilaalchisee haala olaantummaa seeraa kabachiisuun danda’amu irratti marii bal’inaa gaggeessera.

Baatiiwwan 6n darbanitti nageenya waaraa fiduuf hojiin hojjetame jajjabeessaa ta’us, rakkoon nageenyaa jiraachuu hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Hararii obbo Naasir Yuuyyaa ibsaniiru.

Keessattuu yakkamtoota seeraaf dhiyyeessuu, daddabarsa seeraan alaa fi daldala koontiroobaandii ittisuu irratti xiyyeeffaannoon hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Kabaja ayyaana Cuuphaa irratti rakkoo walitti bu’iinsaa uummameen lubbuun namoota 2 darbuu, qaamooleen nageenyaa fi siiviilii 31 madaa’uu fi qabeenyaa mootummaa fi dhuunfaa irra miidhaan qaqqabuu obbo Naasir dubbataniiru.

Qaamolee ajandaa siyyaasaa dhokataa seeraan alaa gaggeessaa jiraniin nageenyi ummataa boora’aa jiraachuu ibsaniiru.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaa fi hawaasni tumsaan hojjechuu qabus jedhameera.

Qaamolee sabaa fi amantaa dawoo godhachuun ummata walitti buusaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu hirmaattoonni marichaa kaasaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.