Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa Sudaan keessatti hatattamaan dhukaasni akka dhaabatu gaafate

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Sudaan keessatti hatattamaan dhukaasni akka dhaabatu gaafateera.

Tajaajilli deeggarsa namoomaa bal’inaan akka dhiyaatus Manni marichaa gaafateera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa Waajjira Muummee Magaalaa Niwuu Yoorkitti argamutti dhimma haala yeroo Sudaanirratti mari’ataeera.

Humnoonni falmiirra jiran saffisaan dhukaasa dhaabuun furmaata waaraarratti waliigalteerra ga’uuf haala akka mijeessan hubachiiseera.

Manni Marichaa haleellaa Ummata Sudaan, Hojjettootaa fi qindeessitoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qamoolee deeggarsa namoomaa dhiyeessanirratti raawwatu cimsee balaaleeffateera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu akkaataa qajeelfama Idil Addunyaa fi Waliigalteen dhukaasa dhaabuu hatattamaa kun akkaataa tumaalee seera idil addunyaa fi qajeeltoowwan gargaarsa namoomaa idil-addunyaatiin giddu raawwatamuu akka qabus ibseera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hooggansi Gamtaa Afrikaa dhimmicharratti ejjennoo qabate dinqisiifachuun, karoorri Gamtichaa walitti bu’iinsa Sudaan keessatti uumame furuuf kan gargaaru ta’uu mirkaneesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.