Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa dhimmoota lamarratti murtee dabarse

Bitootessa 26, 2012 (FBC) –Manni Maree Ministirootaa yaa’ii idilee 81ffaa har’a viidiyoo konfaransiin gaggeesseen dhimmoota lamarratti murtee dabarse.
 
Manni marichaa wixinee labsii Traanizaakshinii elektirooniksii dhiyaate irratti mari’achuun wantoonni sirreeffamuu qaban erga sirreeffamanii booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaatee akka ragga’u sagalee guutuun murteessera.
 
Akkasumas Manni marichaa wixinee labsii Hoospitaala Eekkaa Kotabee hundeessuuf Ministeera Fayyaan dhiyaaterratti gadi fageenyaan erga mari’atee boodaa labsichi Gaazeexaa Nagaariitiin maxxanfamee hojiirra akka oolu sagaalee guutuun murteessuu isaa ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
 
Manni Maree Ministirootaa torbeewwan darban keessa #COVID-19 ilaalchisee hubannoo uumuu, deeggarsa walitti qabuu fi dhaabbilee fayyaa qopheessuuf hojii hedduu hojjetaa akka turan ibsameera.
 
Yeroo yaaddessaa kanatti ministiroonni kunneen itti gaafatamummaa isaanii ga’umsaa ba’aa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Walga’ii har’a viidiyoo konfaransiin gaggeeffameen dambii wixinee Ministeerri Fayyaa Hospitaalli Eekkaa Kotobee tajaajila kennu fooyyessuu fi tajaajiloota fayyaa sammuu fi qaamaa haala fooyyee qabuun laachuu akka danda’uuf dhiyaate ragga’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Sirna kunuunsa fayyaa ga’umsa qabuu fi guutuu ta’e diriirsuuf kutannoon ni hojjetama jedhan.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.