Fana: At a Speed of Life!

Manneen marichaa ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa dabarsaniiru.
Ayyaannichi ayyaana gammachuu, badhaadhinaa, jaalalaa fi fayyaa akka ta’u hawwaniiru.
Ayyaanni Iid Al Faxiriin ayyaana hordoftoota amantaa Islaamaa biratti duudhaa afuuraa babal’isuun hordoftoota amantaalee biroo waliin walta’uun kabajamu ta’uu Manneen Marichaa ibsaniiru.
Hawaasni Musiliimaa aadaa walgargaarsaa fi walii yaaduu wayita Sooma Ramadaanaa agarsiisee itti fufuu akka qabu gaafachuu isaa ragaan Manneen marichaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.