Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Finfinneedhaf baajata bara 2013f Birrii biiliyoona 61 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Manni Maree Finfinnee baajata bara 2013 Birrii biiliyoona 61 raggaasise.
 
Manni marichaa yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 7ffaa gaggeessaa ture har’a waaree booda xumureera.
 
Baajataa fi muudama addaddaas raggaasiseera.
 
Manni marichaa bara 2013f baajata kaappitaalaa fi idileef Birrii biiliyoona 61 raggaasiseera.
Aadde Faayizaa Mahaammad hoggantuu Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii, aadde Haaddaas Kiiduu Ti’aaraan hoggantuu Biiroo Dubartootaa fi Daa’immanii ta’uun muudamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.