Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Injiinar Taakkalaadhaf beekamtii laate

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee itti aanaan kantiibaa magaalichaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ega taayitaatti dhufanii hojiilee bu’a qabeeyyii hojjetaniif badhaasa laatef.
 
Manni marichaa walga’ii xumura bara baajataa 2012 gaggeessaa jirurratti Injiinar Taakkalaa Uumaan hojiilee hojjetaniif beekamtii laachuuf badhaasa kenneefira.
 
Injiinar Taakkalaan hojiilee jiraattota jiddugaleessa taasifatan hojjechuu manni marichaa ibseera.
 
Hojiilee rakkoo ummataa furan, fayyadamtummaa diinagdee cimsanii fi hawwattummaa tuuriizimii jabeessan, akkasumas proojaktoota jajjaboo jalqabsiisuu fi hojjechuu isaanii eerera.
 
Barattootaf sagantaan nyaata dhiyeessuu akka dhugoomu, uffannaan mana barnootaa fi meeshaaleen barnootaa akka dhiyaatu hoggantummaa laataniiru.
 
Qonni magaalaa akka aadaa ta’u, dameen ogummaa harkaa akka gabbatu hojjetaniiru jedheera manni marichaa.
 
Jiraattota magaalatii kaasee hanga qonnaan bultoota daangaarra jiraniitti abbummaan itti dhaga’amee guddina magaalatiif akka hojjetan sochoosaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.