Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa kaadhimamtoota komishinii mana maree biyyaalessaaf dhiyaatan keessaa 42 adda baasuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota uummataa kaadhimamtoota komishinii mana maree biyyaalessaaf dhiyaatan keessaa 42 adda baasuu Afyaa’iin Mana Marechaa obbo Taaggasaa Caafoon beeksisan.

Kutaawwan biyyattii hundarraa kaadhimatoota komishinaroota komishinii mana marichaa akka eeraniif miidiyaalee biyyattii hundaan ergaan darbuu yaadachiisaniiru.

Guyyaan eeruu kaadhimamtootaa akka dheeratuuf paartileen siyaasaa fi dhaabbileen siiviikii garaagaraarraa qaamaa fi barreeffamaan gaafachaa turuu fi akkaatuma gaaffii isaaniin hirmaannaan qaamolee maraa akka mirkanaa’uuf manni marichaa torban tokkoof dheeressuu fi torbanoota darban kutaawwan biyyattiirraa eeruu kaadhimatoota komishinarootaa fuuchaa turuu himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.