Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa raggaasise

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa dhiyaaterratti mari’achuun raggaasise.

Manni marichaa walga’ii idilee 9ffaa, bara hojii 5ffaa har’a gaggeessen qabo yaa’ii walga’ii idilee 8ffaa raggaasisuun, labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa dhiyaate irratti mari’achuun raggaasiseera.

Manni marichaa mormii 2, kan sagalee hin laanne 4 fi sagalee caalmadhaan labsicha raggaasiseera.

Labsicharratti koreen dhaabbii dhimmoota qunnamtii alaa fi nageenyaa, akkasumas koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokraasii labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa dhiyaaterratti mana marichaatif ibsa laataniiru.

Labsichi nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuu, nageenya lammiilee kabachiisuuf barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Dabalataan wixinee labsii bulchiinsa abbaa seerummaa federaalaa fi wixinee labsii manneen murtii federaalaa dhiyaate qoratee koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dabarseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.