Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa lammiilee qabeenya isaanirra buqqa’aniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Manni Maree Dhimma Islaamummaa olaanaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa lammiilee sababa rakkoo nageenyaan buqqaa’aniif deeggersa meeshaalee fi nyaataa Birrii miliyoona 5 ol taasise.
Ruuii kuntaala 50, timra kaartoonii 250, zayita nyaataa
Birrii kuma 40 olitti tilmaamamu, huccuu fi kophee dabalatee waliigala deeggersa meeshaalee fi nyaata adda adda Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 3 fi kuma 33tti tilmaamamu deeggarsa taasiiseera.
Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Dirree Dawaa Sheek Abdallaa Mahammad, kan rakkate gargaaruun dirqama amantiichi ajaju jedhan.
Hawaasni musiliimaa deeggersa eegale cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Kaantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jahaar hawaasa muusiliimaa deeggersa taasise galateeffachuun Dirree Dawaan jaalala fi kabaja akkasumas wal danda’uu keessan calmaatti mul’istaniittu jedhan.
Biqilaa Alamuutu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.