Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa muudamoota garaagaraa MM Abiy Ahimadiin dhiyaatan mirkaneesse

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata Walga’ii Idilee 9ffaa bara hojii 2ffaa har’a gaggeesseen muudamoota garaagaraa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhiyeessan raggaasiseera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad akkaataa heera mootummaa keewwata 74 muraa 2tiin Manni Maree Bakka Bu’oota mudamoota kanneen akka mirkaneessan gaafatanii turan.

1. Dooktar Alamuu Simee Ministira Geejjibaa fi Loojestiksii
2. Dooktar Girmaa Amantee Ministira Qonnaa
3. Injinar Haabtaamuu Taganyi Ministira Albuudaa ta’uun akka muudaman dhiyeessuun isaanii kan yaadatamuudha.

Miseensonni mana marichaa muudamoota dhiyaatan irratti yaada fi gaaffilee qaban erga dhiyeessanii booda muudamichi raggaasiisaniiru.

Haaluma kanaan muudamni dhiyaate Sagalee mormii 10, kan sagalee hin laanne 2 fi sagalee caalmaan mirkanaa’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.