Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa baajata dabalataa raggaasise

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii addaa 4ffaa waggaa 5ffaasaa taa’e.
 
Walga’ichaan qabo yaa’ii walga’ii addaa 3ffaa qoratee raggaasiseera.
 
Manni marichaa wixinee labsii baajata dabalataa bara baajataa 2012 mootummaa federaalaaf barbaachisu Birrii biiliyoona 48 ol raggaasiseera.
 
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen akka beeksisanitti Birrii biiliyoonni 28.3 madda maallaqaa biyya alaarraa, Birrii biiliyoonni 20 ammoo madda maallaqaa biyya keessaatiin kan uwwifamudha.
 
Baajatni dabalataa kun dhiibbaa diinagdee fi weerara vaayrasii koroonaa dandamachuuf barbaachisaa ta’uu ministirichi ibsaniiru.
 
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI Eebila 2, 2012 baajata dabalataa mootummaa federaalaa Birrii biiliyoona 27.89 raggaasisuun isaa ni yaadatama.
 
Dabalataan gabaasaa fi yaada murtoo wixinee labsii elektirooniik tiraanzaakshinii murteessuuf ba’e qoratee raggaasiseera.
 
Wixinee labsii fooyyessa hundeeffama Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaaf ba’e qoratee koree dhimmi ilaaluf dabarseera.
 
Wixinee labsii sanada idaa addaa mootummaarrattis mari’atee koree dhimmi ilaaluf qajeelchera.
 
Wixinee labsii Mana Maree Hordoftoota Wangeelaa Ityoophiyaaf beekamtii laachuuf ba’errattis mari’atee koree dhimmi ilaaluf dabarseera.
 
Wixinee fooyyessa labsii qajeenya ji’oo tarmaaliif ba’errattis mari’atee koree dhimmi ilaaluf qajeelchera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.